#Shurrubbeetoo!
❤️💚❤️
❤️💚❤️
Ati naaf ijakooti
Agartuukoo isan qabu
Siidaan jaalalakee
Yoomuu kufee hincabu
Ittinaan dhaadadhaa
Isa jaalallee hin qabnee
Jaalala teetu yoomuu
Onnee tiyyaa keessan cabne.
Oromtittiitoo sanyii Eebbisaa
Damma nadhii walalaa
Lookootoo morma lawwee
Gootittitoo haadha jaalalaa
Faaya sanyii mootii
Sanyii kismaayyoo muussaa
Fakkaatti tan hin qabnee
Eenyun sii wal qixxeeysaa.
Leemmootoo yaa leensa
Qal’ootoo mudhii soonsaa
Ati naaf ulfina
Jaalallikee naboonsa
Magaallee nyaara kuulaa
Bashaasha irgoo tumaa
Atiis yoomuu tiyyaa
Aniis kankeetumaa.
Si abdadheen tulluu yaabee
Gaara gamatti utaala
Ati naaf humnakooti
Jaalallikee naaf caala
Humna jabaa akka hadidaa
Siitu naaf tahee waamaraa
Suuraan kee irra daddebiin
Ijaa koorra marmara.
Boqonnaa sammuu kootiif
Wabii jiruu taatee
Jaalalliikee qalbiikoof
Nagaa guutuu laatee
Bu’aa bahii danuu
Ansifaana darbee
Siqabaachuu kootiif
Gammadeen ililcha sirbee
Obsee qaxxamureen
Injifadhee sii arkadhaa
Siidaa yaadannoo keeti
Onnee keessan kaayadhaa
Urjiitoo barabaraa
Shurrubbeetoo haadha firaa
Godaambaan seenaakee
Gola onneekoo jira!
❤💚❤..Oromtitti
✍…by @Bahar_Umar
Guddaa Galatooma!
Leave a comment