Maxxansaa jalala

Jaalala dhugaadhaan
Onneen koo baqeera
Hundumaayyuu dhiisee
Gara keet’ maqeera

Sin jaalladha yoomuu
Faaya koo ganamaa
Mi’aa sagalee keen
Qalbiin koo saaqamaa

Eeggataa na gootee
Kan biraatti hin maqin
Keessa onnee keetii
Raawwattee nan haqin!

Addunyaa jaalalaa
Keessa na seensiftee
Akka narraa hin gorre
Qofaa na teessiftee!

Sin jaalladha jedhee
Sobee sin lafafu
Achi sirraa goree
Qarshiit’ Sin sharafu!

❤❤ waan ofii too!

Leave a Reply

Create your own website, free on WordPress.com.Create your own website.
Start free